Irreechi
By Milko
Irreechi Sirna Waaqeffannaa dha.
Waa'een Irreechaa yeroo ka'u namootni baayyeen "Aadaadha" jechuun akka falman beekamaadha. Barruu tokko irratti namni tokko Irreechi yaada falaasamaa (philosophy) fi amantii aadaa Oromoo ta’uu isaa caqasuu dhaan, "Oromummaa kan ibsu irreecha dha" jedhee falmuuf yaaleera. Haa ta'u malee akkaataan itti inni kana ibse garmalee kan mormisiisu dha.
Namoonni baay’een "Sirni kun kora Oromoon itti walitti qabamee roobni darbee birraan dhufuu isaa itti ayyaaneffatu malee waan biraa miti" jedhanii amanu.Garuu dhugaan jiru immoo akkasii?
Hiika Amantiif laatamu irratti waliigalteen waliigalaa kan hin jirre ta’us, hiika kennaman keessaa tokko;
sirna aadaa kan gochaalee, shaakalaa fi naamusa qaama uumamaa ol ta’ee fi qulqulluu kan ta'e dhala namaa waliin wal qabsiisuu dha kan jedhu dha.
a cultural system of designated behaviors, practices, morals, and worldviews relating humanity to the supernatural, sacred, or transcendent
Akka ibsa kanaatti amantiin ilaalcha addunyaa uumamaa ol ta'e dhala namaa waliin walitti fidu dha. Qaamni uumamaa ol ta’e kun maqaan garaa garaa kennamuufii danda’a. Kunis haala Irreechaa fi amantii Waaqeffannaa keessatti qaama kanaaf "Waaqa" moggaasi jedhamu laatameera. “Waaqi” kun isa uummata nagayaan eegee fi waan jireenyaaf isaan barbaachisu kenneef akka ta’etti himama. Gochaa isaa kanaafis galateeffamuu fi aarsaan dhi'aachuufiin kan maludha.
Bu'uuraan aadaa ta’uu Irreechaa namni mormu hin jiru, dhugumatti inni gochaalee aadaa uummata kana keessatti beekamoo ta'an keessaa tokko dha. Garuu kana jechuun amantaa ta’uun isaa ni hafa jechuu miti. Bifa amantaa qabaachuun isaas caalaatti kan mul'atu dha.
Namni sammuu fayyaa qabu tokko waan yeroo ayyaana Irreechaa ta’u ilaalee hubachuun isaa waan dhokataa miti. Garuu iftoomina wanta haasa’amaa jiruuf jecha dubbii kana haa ilaallu. Ayyaana kanaaf guyyaa tokko dura geggeessitooti uummata Oromoo "Abbaa Gadaa fi Haadha Siinqee" gara bakka bishaanii ayyaaneffannaan sun itti godhamuutti qajeelu; yeroo kanatti geggeessaa hafuuraa ta’uun kan amanamu, "Qaalluu" jedhamuun kan beekamu fuuldura dhaabbachuudhaaan sirna qulqulleessuu kan fakkaatu raawwata. Yeroo kana horii qalanii dhiiga isaas qilxuu gurguddoo fi bishaan irratti facaasu; akkasumas, uummata gidduutti mallattoo badhaadhummaa akka ta’etti kan ilaalamu, dhadhaa qilxuutti dibuun sirba sirbu. Sirna kana keessatti Haadhotiin Siinqee akka humna tokkoon to'atamanitti iyyaa fi jechoota adda hin baane yookiin hiika hin qabne dubbachuun rom'u (fagu).
Guyyaa ayyaanaatti immoo weedduu iddoo "irreeffannaa" irratti weeddifamu namni hin beekne hin jiru: "Waaqa garaa gurraachaa galanni siif yaa ta'u." kan jedhudha.
Kanaafuu, Kristiyaana tokkoof iddoo kanatti argamuunii fi namoota sirna sana keessa jiran waliin ayyaaneffachuun waaqayyolii tolfamoof sagaduu keessatti hirmaachuu wajjin tokko dha.
Phauloos 1 Qor 10:21 irratti akkas jedha
Xoofoo gooftaa keessaa akkasumas xoofoo hafuurota hamootaa keessaa dhuguu hin dandeessan; maaddii gooftaa irraa akkasumas maaddii hafuurota hamootaa irraa hirmaachuu hin dandeessan
Gama aadaa Irreechaa gama amantii irraa gargar baasuun hin danda’mu. Kanaafuu, “Ani aadaa ta’uusaaf malee amantaa ta’uu isaafan deema miti” jechuun of gowwomsuudha.
Kristiyaanni nama waan hundumaa isaa Waaqayyo tokkicha Isa qaamaan sadii ta'eef bulchiisee jiraatudha. Gocha waaqeffannaa waaqayyolii tolfamoo kana keessatti utuu hin hirmaatiin Oromoo ta’anii itti fufuun ni danda’ama.
Isin sababa Irreechaatiin Oromoo hin taane, waaqa uummati achitti walitti qabame sun sagaduuf mormitanii dhiisuu keessaniifis Oromoo ta’uu hin dhiistan.
Akkuma Caaffata Qulqulluu keessatti eeramee jiru, nuti gatiidhaan bitamne, kunis adda baanee akka jiraannuuf, gocha keenya isa duraa gannee Gooftaa keenya Yesuus Kristosiin tajaajiluufi dha.
Akkuma Sareen digdiga isaatti deebi'u, iddoo Waaqayyo keessaa isin fureetti hin deebi'inaa!
Comments
Log in to join the conversation.
Log InNo comments yet — be the first to share your thoughts.